Seenaa Manaa Abbaa Jifaari

Cimina Abbaan Jifaar Islaamummaa Irratti Qabaniifi Yaalii Kiristaana Isaan Gochuu Minilik


Abbaan Jifaar mootolee yeroo isaanii beekaman hunda caalaa Islaamummaa irratti cimoo turan. Carraa adda addaatti fayyadamanii gabroota bilisa baasu turan. Keessumaa ji’a Ramadaanaa keessa waggaa waggaan gabroota dhibbaa ol bilisa baasu.
Aalimoota baay’ee jaalachuu irraa kan ka’e aalimoota Itoophiyaan ala jiraniifillee kennaa adda addaa kennaniifii akka qaraasisuu irratti jabaatan godhu. Fkn yeroo sanatti aalimni beekaan Sheykh Habiibullaah jedhaman Makka keessatti akka qaraasisan dhaga’anii “qaraasisuu irratti cimaa” jedhanii warqii uuqiyyaa tokko erganiif. Muslimoota biyya keessaa qofa osoo hin taane waa’ee Muslimoota addunyaa irra jiraniillee ni gaggaafatu turan.
.
Ofii isaaniitiifis ibaadaa dhuunfaa yoomuu hin dagatan ture. Yoo keessummaan fedhe itti dhufellee sa’aatii salaataa hin dabarsan. Keessummicha teessisanii salaatu turan. Aleksaander Bilaatoovich kan bara 1898 ji’a Amajjii keessa gara Jimmaa dhufee ture odeeffannoo armaan gadii barreesseera:
.
Yeroo xiqqoo akka taphanneen yeroon salaata halkanii ga’e. Abbaan Jifaar akka ani xiqqoo isaan eegu dhiifama na gaafatan. Hiriyoota isaanii wajjin gara cinaatti siqanii dhiqachuu jalqaban. Tajaajiltuun isaanii tokko meeshaa ittiin dhiqatamu silvarii irraa hojjatame fiddeef. Abbaan Jifaaris akka seera Islaamaatti kadhaa kadhataa (du’aa’ii godhaa) harka, miila, qoma, mataafi gurmuu isaanii dhiqatan. Fuula isaanii gara kaabaatti deebisanii sagaduu jalqaban. Bareechee dukkanaa’ee ture. Mootiin tokko haala kanaan sagaduufi du’aa’ii godhuun keessummaa Awrooppaa kanatti abjuu fakkaata ture. Abbaan Jifaar masubaa isaanii lakkaa’aa kadhaa kadhatu turan. Ergasii deebi’anii dhufanii barcuma isaanii irra taa’an.

Amantii Islaamaa irratti cimuu irraa kan ka’e gamoo isaan warra hajjii dhaquuf Makkaafi Madiinatti ijaaran isiniif dubbadheen ture.
👇👇👇
Abbaan Jifaar daa’imummaa isaaniitiin haadha isaanii Shirree/Haliimaa Abbaa Duulaa irraa Qur’aana qara’aniiru. Of qofaa qara’anii hin dhiifne; haadha manaa isaanii hunda Qur’aana qaraasisanii turan. Aadaa Jimmaa keessatti immoo namoonni gurguddoon Abbaa Jifaaritti hidhachuuf yaalu. Sababa kana qoroon jaatamni bulchiinsa isaanii keessa jiran hundi haadha manaa isaanii Qur’aana qaraasisan. Warreen Abbaa Jifaar hordofanii dubartoonni hoggantoota baay’ee Qur’aana qara’uun Islaama baballisuu keessatti ga’ee guddaa qaba ture.
.
Akkan manguddoota irraa dhaga’etti bara Abbaa Jifaar keessa sheekolii, namoota sirriitti salaata eeggatan, warra ilmaan Qur’aana qaraasifataniifi kkf irraa gibirri hin fuudhamu ture. Akkasumas Abbaan Jifaar sheekolii naannoo birootti rakkatanii baqatanii dhufan qubsiisuudhaan beekamu. Kana malees wantoonni isaan Islaamaaf gumaachan baay’eedha.
😭
Garuu wanti baay’ee nama ajaa’ibu Abbaan Jifaar Islaamummaa irratti akkana jabaachuu wajjin Atse Minilik amantii Islaamaa irraa isaan deebisuuf yaalii gochuu isaati. Akkan manguddoo keenya irraa dhaga’etti Minilik dhimma cimaa wahiitiifin si barbaada jedhee Abbaa Jifaar gara Finfinneetti waame. Abbaan Jifaaris A/Dikoo A/Billoo dabalatee manguddoota ciccimoo sagal fudhatanii gara Finfinnee deeman; achi ga’anii bakka qubannaa isaanii naannoo Buraayyuu ture bulanii ganama Minilikiin bira dhaqan. Minilikis Abbaa Jifaar qofa ol naa galchaa jedhee waardiyyoota ajaje. Achiin Abbaan Jifaar kophaa isaanii isa bira seenan. Minilik yaada armaan gadii irra dhiheesse: “har’a dhimma cimaafin si barbaade. Innis mootummaa koo walakkaa isaa siifin kenna. Akkasumas intala koo Zawdituu sittin heerumsiisa. Garuu ati anaa wajjin Kiristaanummaa fudhadhu” jedhe. Abbaan Jifaaris “buleen itti yaadee dhufa” jedhan. Abbaan Jifaar manguddootaa wajjin gara bakka qubannaa isaaniitti deebi’anii tasgabbiin bulan. Manguddoonni dhimma Minilik isaan waameef galgala sana gaafannaan “amma dhiisaa tasgabboofneen ganama isinitti hima” jedhan. Ganama Salaata Subhii booda erga ciree nyaatanii qaawwaa dhuganii dhimmicha manguddootatti himan.Manguddoonnis “isin maal yaaddan ree?” jedhan. Abbaan Jifaaris “mootummaa Itoophiyaa naaf kennuu mitii yoo inni kan Jimmaayyuu narraa fudhate, intala isaa natti heerumsiisuu mitii yoo inni haadha manaa koo hundaa narraa fudhateyyuu ani Islaamummaa hin dhiisu” jedhan. Manguddoonni hundinuu “yoo duunes Islaamummaa irratti duunaa” waadaa waliif galan. Hundi isaaniitu qawwee dhukaafamu hidhatu turan. “Har’a Minilik Abbaa Jifaar ajjeesuutu mala; kanaafuu nutis Abbaa Jifaar biraa hin hafnu; isaanii wajjin Minilikiin bira seennee yoo inni isaan tuqe isas ajjeefnee dhumna malee hin dhiifnu” jedhan. Yeroo Abbaan Jifaar dhaqan akkuma kaleessaa waardiyyoonni Abbaa Jifaar qofa ol galchuuf yaalan. Garuu manguddoonni nutis biraa hin hafnu jedhanii dinnaan Minilik isaanis ol galchaa jedhe. Yeroo isaan ol galan “yaada kaleessaa maal jettaree?” jedhee Abbaa Jifaar gaafate. Abbaan Jifaaris “mootummaa Itoophiyaa naaf kennuu mitii yoo ati kan Jimmaayyuu narraa fudhatte, intala kee natti heerumsiisuu mitii yoo haadha manaa koo hundaa fudhatteyyuu ani Islaamummaa hin dhiisu” jedhan. Ogga kana Minilik lafa dhiitee rifeensa mataa ofirraa buqqisee “ka’ii galigaa; waan gaarii siif yaadnaan didde” jedhe. Haala kanaan hundinuu Islaamummaa isaanii irratti gadi dhaabbatanii nageenyaan gara Jimmaa deebi’an.
Rabbiin hunda isaanii jannataan haa badhaasu!
Gali Ababor page

Leave a Comment