Dubbisil walaaloo kokanaa share godhi hiriyota ketif!
Maaluma carraanko
Kan biyyaa nabasee
Nama akka kiyyaaf
Gabra natasisee
Osoo biyyaa qabuu
Maf biyyaa nabasee
Biyyakoo oromiyaa
Dachenshee lalisttuu
Hunduma kan bonsittu
Yaadaaf ariin qofaa
Saammuu kiyyaa rasee
Malii yaa harmee too
Malumaf naddesse
Hojjiin biyyaa ormaa
Onnee namadesee(2)
————————————–
Nan jiradhaa jedhee
Biyyarraa baqadhee
Hiriyotan kan koo
Maatii koo dagadhee
Halkaan qorraa kessa
Guyyaa dakaa badhee
Beelaaf dhebuu hin jennee
Gara koo hidhadhee
Yoon dhabee cadhisee
Yon argadhee yaadhee
Mee kessaa nabasii
Yaa waqayyoo sikadhadhe(2)
——————————————-
Yaa rabbii si qofa
Abdiin koo yomilleen
Attii naf gargariii
Mattiii kiyyaa fi firotaan koo
Kophaa koo mal godhaa
Duressa ta’ulleen
Qabenyaa qabadhee
Tujjaara ta’ulleen(2)
———————————–
Gafaa biyyaa bahuu
Jalqaba koo duraa
Biyyaa ormaa deemuuf
Ol ka’ee tirtiraa
Yoon jiraan se’e
Rakkoo fi gidiraan
Hiriyyas hin qabuu
Kophaa kiyyaa jira
Yaa gooftaa furmanii
Harkuma kee jiraa
Firrii fi ollaan hin jiruu nabiraa
Ijjolumaa koraa biyyara bahe
Bu’aa bayyii jiruu meqan dhandhamadhee
Yaa ribbii yaa umaa si kadhadhe(2)
———————————————-
Humna koo naf tahii
Yoon anni gufadhee
Obsa kee naaf kennii
Yoon annii mufadhee
Namaanis wal dhabee
Yoon ballessee dhifamaa
Naf godhii yaa rabbii sikadhe☝
—————-“””———-“”””——-“”——
Way carraa jirenyaa
Wallaalaan marfamnee
Dukkana kessatii
Mana ijarannee
Cubbuun haguugamnee
Garaa demnuu dhabnee
Waan jibbaa wal hamii
Adaa tasifanee
Arrabaan wal midhaa
Qaaman fafagannee
Dawaan kenyaa jiruu
Rakko dhaa wal bafnee
Jalalaa ijaree tokkuman
Yoo kaneee dhukkubaa
Gandummaa dhukkubaa
Amantaa of kessaa ganne
Dawaan kenyaa jiruf
Furmattaa barbannee
Yaa rabbii yaa umaa suman kadhanee (2 )
Yoo siti tolle
#share godhii hiriyotaa ketif. #barreessaan Riyad Basher