ODUU JAJJABDUU

ODUU IJOO Dhimmaa Jawaar Mahammed OSAA Irratti maalif hirmachisuu Dhabbee jechuun Ummaanni kenyaa Wolin Fixxaa jiruuf waan ifaa ta’uu  qabu; dhimmi Jawaar Mahammed faโ€™aa ammaan tanatti dhisaa dhimma dhalootati.

๐Ÿ’ž Dhimma haadholii fi abboota Oromooti. Dhimma obboloota keenya kumaatamaan hacuuccaa fi gidiraa suukaneessaa qeโ€™eetti itti dhufte ofirraa qolachuuf gatii gita hinqabne kaffalaa jiraniiti.,๐Ÿ’ž

Dhimma Miliyoonota qote bulaa fi ilmaan qote bulaa Oromooti. Dhimma dhiigaa fi lafeeti, dhimma lubbuuti.

-Yeroon kun yeroo itti kaleessa qofa ilaallee deemnuu fi dubbannu osoo hintaane yeroo itti waan harโ€™a qabatamaatti jiru baayโ€™ee isaa dhaabannee itti ilaalludha. ๐Ÿ’ž

Jechi dubbannus taโ€™e gochi goonu akka kana duraa olola nama dhuunfaarrattii osoo hintaanee lubbuu dhalootaarratti akka taโ€™ee hundi keenya beekuu qabna.๐Ÿ’ž

-Kana wallaalla taanan dogoggora qofa osoo hintaane seenaa keessattis, fuula rabbii durattis gatiin dhiiga qaroowwanii fi kichuuwwan gaaraa fi lagatti roorroo diddaaf kufaa jiran sanaa cubbuu fi abaarsa nutti taโ€™uun waan hin oolle. ๐Ÿ’ž

-FURMAATA:As biratti akkuma jedhame furmaanni qaama tokkoon kaaโ€™amu hinjiru. Furmaanni marii Obbolummaa Oromummaa qofa.๐Ÿ’ž

Furmaanni Marii Abboota qabsoo dhimmichi ilaallatuu qofa. Kunimmoo qeeqaa fi xiinxala deeggartootarraa walitti darbatamuun caalaa; hayyootaa fi hooggantoota qabsoo siyaasa Oromootirraa kallattii kaaโ€™amuun dhufa.๐Ÿ’ž

-Walumaagalatti dhimmi Obboloota keenya gama qabsoo hidhannootin jiranii kun; qaamota mootummaa birattis taโ€™ee mooraa qabsoo Oromoo keessatti dhimma akka salphaatti ilaalamuu hindandeenyedha.๐Ÿ’ž

Dhimma hiree dhalootati, dhimma lubbuu dhaloota kanaa taโ€™uun isaa beekamee of eeggannoo fi xiyyeeffannoon waliin waliif hojjachuu; tarkaanfachuun hundaafuu dirqama taโ€™edha,๐Ÿ’ž.

-Ergaan kun qaamota mootummaa dabalatee hooggantootaa fi hayyoota qabsoo Oromoo bitaa fi mirga, alaa fi keessa, magaalaa fi baadiyyaa jiran, akkasumas ilmaan Oromoo quuqama miidhama saba keenyaatif dhukkubsataa jiraatan maraaf haataโ€™u. ๐Ÿ’ž

Kannaafu yaa ummata kenyaa Wolii Dhiibbaa dhisaatii  Akkamitii biyyaa Kannaa Karaa Nagayatti  deebbisuu dandeenyaa jedhaa.๐Ÿ’ž

Haali yeroo Ammaa biyyii itti jirtuu waan bayyee yaddessaa keessaan jirtaa jedhee Obbo Jawaar Mahammed Guyyaa Dhengadaa Ergaa gurguddoo  Dubadhaa turee.๐Ÿ’ž

Isaanii keessaan biyyaa Ethiopia jedhamtuu Tunii yeroo dhiyootti  Tarii Qamaa Alaatiif Gurguramu maaltii jedhee Obbo Jawaar Mahammed.๐Ÿ’ž

Sababaa Hoganoonni biyyaa sanii bulchaan hundi  Samichaaf maalee Ummataa  Biyyattii keessaa jiruuf Rifattii takkallee hin qabanneef Ummataa saamuu malee Akkasumaasi  bakn Idilaa Addunyaa Guyyaa Kaleessaa Malaqaa Liqii biyyaa Ethiopia irraa qabuu Ba’eettii.๐Ÿ’ž

Liqiin Itoophiyaarra mootummoota addunyaa fi dhaabbilee liqii kennan irraa fudhate yeroo jalqabaatiif kan doolaara biiliyoona tokko caalee bara 1981tti ture.๐Ÿ’ž

Amaan tana ammoo haalaan dabalaa jiraachu maddeen ni mul’isu.

Ragaan Baankii Addunyaa akka agarsiisutti, sirni Dargii aangoorraa yeroo kufu liqiin biyyattiirra jiru doolaara biiliyoona sagal ture.๐Ÿ’ž

Bara 2006tti ammoo liqiin kun gadi bu’uun doolaara biiliyoona 2.2 gahee ture.๐Ÿ’ž

Haata’u malee bara 2018 wayita Ministirri Mummee Abiy aangootti dhufan, liqaan biyyattiirra ture doolaara biiliyoona 28 gaheera jedha Baankiin addunyaa.๐Ÿ’ž

Ammaan tana ammoo liqiin biyyattiirra jiru kan dhaabbilee biyya keessaafi alaarraa liqeeffatame biiliyoona 56.6 gahusaa gabaasni himu Ministeera Maallaqaa Itoophiyaarraa bahaa jira.๐Ÿ’ž

Mootummaan Itoophiyaa dabalaa dhufuu liqii kanaa hubachuun bajata biyyattii bara dhufuu keessatti liqii deebisuu waan dursa kennuuf akka ta’e ibseera.๐Ÿ’ž

Liqiin biyyattiirra jiru walakkaa oomisha waliigalaa ishee ta’uu isaa hordofees liqii kana ilaalchisee dhaabbilee maallaqaa wajjin mariin gaggeeffamuutti jira.๐Ÿ’ž

Walgahicha kan hoogganu liqeessitoota Itoophiyaa gurguddoo kan ta’an Faransaayiifi Chaayinaa fa’i.๐Ÿ’ž

Mariin haala liqii Itoophiyaa fooyyessuu (loan restructuring) irratti erga eegalee bubbulus sababa waraana Kaaba Itoophiyaan gidduutti harkifateera.๐Ÿ’ž

Leave a Comment