Ibsaa

Tooftaa qabsoofi yeroon gaafattu mara fayyadamnee mirga abbaa biyyummaa keenyaa ni kabachiifna.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qabsoon Bilisummaa Oromoo erga eegalamee tooftaafi adeemsa adda addaa fayyadamuudhaan bu’aalee gurguddoo galmeessaa bakka har’a jirru kanaan nu ga’eera. Eenyummaa Oromummaa barsiisuutii haga qubee Afaan Oromoo barsiisuutti, qabsoo dippilomaasiitii haga waraana leenjisanii lolaaf bobbaasuutti, jaarmiyaa ogummaafi hawaasaa ijaaranii haga uummata dammaksuutti, jaarmiyaa Warraaqsaa ijaaranii haga qabsoo karaa nagaa mootummaa abbaa irree irratti geggeessuutti Addi Bilisummaa Oromoo hojii boonsaa qabsicha milkeessu hojjetaa turee ammas itti jira.

Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan dhaaba guddaa kanaan bocame erga ifatti labsamee qajeelfamaafi kallattii Adda Bilisummaa Oromoo irraa fudhatuun qabsoo karaa nagaa geggeessee milkaa’ina guddaa gonfatee ammas qabsicha xumuraan ga’uuf tooftaa adda addaa fayyadamee hojjetaa jira. Jaarmiyaan tarsiimoo addaa baasee mootummaa Wayyaanee aangoorraa garagalche ammas mootummaa PP irratti qabsoo roga adda addaatiin geggeessaa jiraachuun ni beekama.

Tibba kana bifa addaatiin toftaa qabsoo baafatee ijibbaata falmaa geggeessaa jiraachuun ni beekama. Weerarri tibbana Oromiyaa irratti banamee ajjeechaa fi qe’eerraa buqqa’uu fide uummatichi akka falmaatti seenu taasisus Qeerroon Bilisummaa Oromoo isa duras akka uummanni falmatuuf kallattii kaa’aafi hubannaa kennaa tureera. Haaluma kanaan qabsicha haala yeroon gaafattuun tooftaa hojii gara fuulduraa kaa’ameen:
1. Mormii morma koo oolfachuuf falmachuun dirqama jedhamee gaggeeffame kana irratti bakkeewwan mormiin gaggeeffametti humni waraana amurna ppf ergamu kan ummata dararu miidhaa qaqqabsiisee jira. Miidhaawwan mormii kana irratti qaqqaban kanneen wareegaman, kanneen hidhaman, kanneen miidhaan qaamaa irra gahe hunda maqaa guutuu, suuraa, umurii, bakka dhalootaa fi bakka itti hidhaman adda baasuun sagalee tahuufiin kaayyoo fi akeeka isaanii immoo itti fufsiisuun kan warra jiruuti.

2. Falmii keenya galmaan geesifachuuf uggurri daandiiwwanii madda galii PP tahan ni cufamu. Haala Kanaan: Daandiiwwan Jibuutii, Keeniyaa fi Naannoo Amaaraa wal quunnamsiisan guutummaatti humna qabsoo kanaan ni cufamu. Gama biraan ummata keenya buqqa’ee qe’ee fi qabeenyi isaa jalaa barbadaa’eef gargaarsi namoomaa karaa namoota gargaaruu dandahanii akka qaqqabuufis tahe ummatni keenya diinagdeen miidhamee jiru caalaatti akka hin laamshofneef daandiiwwan Oromiyaa keessi banaa tahuun sochiin hawaasaa itti fufa.
Daandiiwwan Oromiyaa keessaa banaa yeroo tahan kanatti garuu sochii waraanaa murna PP kanneen akka waraana RIB fi Federaalaa Oromiyaa keessatti akka sochii hin goone bakka barbaachiisetti tarkaanfiin ugguruu fudhatama.

3. Uummatni Oromoo fi tumsitootni qabsoo Oromoo duula warreen farra qabsoo Ummata Oromoo tahanii duula duguuggaa sanyii raawwatan irratti tarkaanfii fudhatamu tokkummaan tumsuu qaba.

4. Uummatni Oromoo ofii jiraatee Oromiyaan akka jiraattuuf weerara daangaa darbamee itti dhufuun duguuggaa sanyii irratti raawwatamu of irraa qolachuuf akkuma ABOn Mudde 6/2022 waamicha dhiyeesseen uummatni Oromoo waan qabuun diina isaa of irraa ittisuu qaba jedhee labse dargaggootni Oromoo gahumsa waraanaa leenji’uuf qaban hundi leenjii waraanaa fi siyaasaa fudhachuudhaan diina Oromummaa balleessuuf nutti bobba’e wareegama barbaachisaa kaffaluun walabummaa biyya keenya Oromiyaa akka mirkaneeffannu waamicha taasisna.

5, Minilik Harargeetti Harka Ummata Oromoo irraa mursiisee Calanqootti siidaan wareegamtootaa dhaabbate, Arsiitti Harma mursiisee Aannooleetti siidaan wareegamttoota yaadatu dhaabbate murni PP Abiyyiin durfamu immoo Wallaggaatti morma mursiisee dhaala sirna abboota isaa Oromoo irratti argisiise kana ummatni keenya addatti immoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo siidaan isaanii akka dhaabbatu osoo hin taane warra mormi citeen Oromiyaan akka ijaaramtuuf qabsoo isaa onnatee ‘mormakoo biyya koof’ jedhee falmaa hadhooftuutti akka seenu waamicha keeenya dabarfanna.

Leave a Comment