OROMIA MEDIA TECHNOLOGY SAGANTAA KEENYAA YEROO HUNDAA kottaa nu hordofaa Aug 01 2022 Share this: Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Like Loading... Related Published by Riyadbasher View all posts by Riyadbasher
Abboottin keenya Gaafa nu Dhalchan akka Of Barreen Oromoo Tahuu keenya Nutti himan malee isin Harargeedha nuun hin Janne!”
Oromoon Jaarraa Dila kanaaf Kan Gabrummaa jalatti Kufteef Anaatu haqa Itti qabaafii Gandaan Wal Qooduu Akkasuma waliif Quudhuu dhabuudha”
Garuu waan Na Ajaa’ibe kana Osoon Hin Dubbanne Callisuu hin barbaadu
Oromoo Harargee Tana Yeroo baayyee Waa’een isii na Ajaa’iba”
Fakkeenya #Jawaar_Fi_Jaal_Marroo Haa fudhannuu Jarri kun lachuu Dhalootaan Jawaar Aarsiidha Marroon Wallagga”
Inni Arsii Jawaar Keenya ja’ee Yeroo ittiin dhaadatu nan Arga Inni Wallaggaas Marroon keenya ja’ee Yeroo ittiin of Jaju nan arga
Ummanni Harargee kun Ammoo Jara arsiif Wallaggaa kana caalaa Jawaariif marroo jaalatu.
Gandummaa waan jedhamu Xiqqaaf Guddaa isaanii keessatti hin argitu kashlabbee yoo ta’e malee
Maal jechuu fadheeti beektuu Ummanni Harargee kan Dursu Oromummaa qofaadha Ati bakka feete tahi Oromoof oromiyaaf Dhaabbatta taanaan Lubbuu isaanii dabarsanii siif laatu
Gantuuf yartuu Ammoo Ni balaaleeffatu Harargees yoo ta’e ni Abaaru ni Arrabsu ni Qeequ”
haadhaa Abbaa isaanii caalaa Jawaar fi marroo jaalatu”
Gaafa namni Harargee Tokko waa hojjate Ilma Oromoo jedhu malee Harargee kan jedhu irraa hin agartu”
Keessaaf Gubbaan Qulqulluu dha Hamtuu garaa keessatti qabatuu hin beekan
Oromoota kutaa 11 Mara of caalaa jaalatu
Kutaan wal qooduu wanni jedhamu isaan bira hin jirtu
Oromummaa dursu Gandummaan Summii akka ta’e bareechanii beeku
Jawaar Fi marroos dabalatee akkasuma qabsaa’oota haqaa Mara Ummata iddoo inni itti dhalatee san caalaa jaalatu”
Kana wanniin dubbadheef Waaniin Harargee ta’eef miti” Dhugaan kun waan na keessatti mullateefi
“Harargee Bu’uura Oromummaa! Ummata Jaalalaaf Kabajaa”
Oromummaan Haa Dursu Akkuma Abboota Keenyaa Yoos nuus Wal qabannee Bakka yaanne Geenya
LikeLike